cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

FBC Afanoromo

This is FBC Afan Oromo official Telegram channel. For more updates please visit www.fanabc.com/afanoromo

Show more
Finland86The language is not specifiedNews & Media2 731
Advertising posts
49 058
Subscribers
+824 hours
+1377 days
+77030 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Fiigicha Kiiloo Meetira 10 Maadriditti fiigameen dhiiraan Atileet Daawwit Waldeen yoo injifatu, dubartootaan Atileet Xirunash Dibaabaan 3ffaan xumurte Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Fiigicha daandirraa Kiiloo Meetira 10 Ispeen magaalaa Maadriditti fiigameen dhiiraan Atileet Daawwit Waldeen yoo injifatu, dubartootaan Atileet Xirunash Dibaabaan sadarkaa 3ffaan xumuruu ibsameera. Xirunash fageenyicha daqiiqaa 30:03 xumuruun 3ffaa yoo baatu, dorgommii Atileetoota dhiiraa gidduutti gaggeeffameen ammoo Atileet Daawwit Waldeen daqiiqaa 26:55 xumuruun injifateera. https://www.fanabc.com/afaanoromoo/fiigicha-kiiloo-meetira-10-maadriditti-fiigameen-dhiiraan-atileet-daawwit-waldeen-yoo-injifatu-dubartootaan-atileet-xirunash-dibaabaan-3ffaan-xumurte/
Show all...
👍 8👏 8 2
Photo unavailableShow in Telegram
Kiliyaam Mibaapeen Riyaal Maadriditti makame Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Taphataan Sarara fuulduraa Faransaay Kiliyaam Mibaapeen jijjiirraa bilisaan Riyaal Maadriditti makameera. Waliigaltee waggaa 5 mallatteessuun ifatti kilabichatti makamuu ibsameera. Waliigateen PSG waliin qabu xumuramuu hordofee waayita fooddaan jijjiirraa taphattoota Laaligaa eegalame jijjiirraa bilisaan gara Maadriiditti imala jedhame. #Oromia #Ethiopia https://www.fanabc.com/afaanoromoo/kiliyaam-mibaapeen-riyaal-maadriditti-makame/
Show all...
👍 2 2
03:21
Video unavailableShow in Telegram
Pireezidaanti Yuun Suuk Yii'ool Dooktar Abiy Ahimadiif simannaa taasiisan Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Riippaablika Kooriyaa Kibbaa Yuun Suuk Yii'ool Dooktar Abiy Ahimadiif simannaa taasiisaniiru. Jila biyyoota lamaanii gidduutti mariin waloo kan taasiifame yoo ta'uu,Komishinii Namuusaa fi farra malaammaltummaa Itiyoophiyaa fi Komishinii Farra Malaammatummaa fi mirgoota Siiviilii Kooriyaa Kibbaa gidduutti sanadni waliigaltee mallattaa'eera. Marii waloo kanaan Piroojektii waggoota Arfan itti aanaan keessatti raawwatamuuf waliigateen Faayinaansii Doolaara biiliyoona 1 mallattaa'uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul'isa. #Oromia #Ethiopia
Show all...
👍 11
Photo unavailableShow in Telegram
Kaantibaa Adaanech Abeebeen Yaa'ii Magaaloota Addunyaa Siingaapooritti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Yaa'ii Magaaloota Addunyaa Siingaapooritti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru. Yaa'iichi magaalota jiraattootaaf mijatoo fi magariisa ta'an ijaaruu, jijjiirama qabeenya qilleensaa Ittisuu fi giddugala jijjiirama saffisaa taasuurratti mari'achaa jiraachuu ibsameera. Aadde Adaanech hojiilee misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jirurratti yaa'ichaaf muuxannoo qoodaniiru. Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen yaa'ichaan cinaatti Ministira Ministeera Dhimma Hawaasummaa Siingaapoor Deesmoonid Lii, kaantibaawwan magaaloota garaagaraa fi bakka buutoota dhaabbilee waliin marii taasisuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaarraa argame ni mul'isa. #Oromia #Ethiopia
Show all...
👍 12
Photo unavailableShow in Telegram
MM Dooktar Abiy Ahimadii simannaa Pireezidaanti Yuun Suuk Yii’ool taasiisaniif galateeffatan Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Simannaa hoo’aa Pireezidaanti Yuun Suuk Yii’ool taasiisaniif galateeffataniiru Yeroo itti aanu Hariiroon biyyoota lamaanii damee hundaan caalmaatti akka cimee akka itti fufu amantaa cimaa qabaachuu Dooktar Abiy ibsaniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii seenaa qabeessa ta’uu eeruun, yeroo itti aanus damee hundaan caalmaatti cimee akka itti… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/mm-dooktar-abiy-ahimadii-simannaa-pireezidaanti-yuun-suuk-yiiool-taasiisaniif-galateeffatan/
Show all...
👍 8
Photo unavailableShow in Telegram
MM Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwatan Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwataniiru. Waayita magaalaa Chuunchiiyoon gahan simannaa hoo'aan kan taasiifameef yoo ta'uu, giddu gala Yaadannoo duultoota Itiyoophiyaatti abaaboo kaa'aniiru.
Show all...
👍 10 9
MM Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwatan Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwataniiru. Waayita magaalaa Chuunchiiyoon gahan simannaa hoo’aan kan taasiifameef yoo ta’uu, giddu gala Yaadannoo duultoota Itiyoophiyaatti abaaboo kaa’aniiru. https://www.fanabc.com/afaanoromoo/mm-dooktar-abiy-ahimadii-fi-giiftii-duree-zinnaash-taayyaachoon-yaadannoo-duultoota-itiyoophiyaa-kooriyaa-kibbaatti-argamu-daawwatan/
Show all...
MM Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwataniiru.Waayita magaalaa Chuunchiiyoon gahan simannaa hoo'aan kan

MM Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwatan Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamu daawwataniiru. Waayita magaalaa Chuunchiiyoon gahan simannaa hoo’aan kan taasiifameef yoo ta’uu, giddu gala Yaadannoo duultoota Itiyoophiyaatti abaaboo kaa’aniiru. https://www.fanabc.com/afaanoromoo/mm-dooktar-abiy-ahimadii-fi-giiftii-duree-zinnaash-taayyaachoon-yaadannoo-duultoota-itiyoophiyaa-kooriyaa-kibbaatti-argamu-daawwatan/
Show all...

Photo unavailableShow in Telegram
Konfiraansiin dargaggootaa gandoota Oromiyaa hunda keessatti gaggeeffamaa jira Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) –Qindeessummaa Biiroo dargaggoo fi Ispoortii Oromiiyaan Konfiraansiin gandoota Oromiyaa hunda keessatti gaggeeffamaa jira. Konfiraansichi mata duree ‘dargaggoonni Anniisaa jijjiiramaa, Utubaa biyyaa fi Abdii Egeree’ jedhuun gandoota Oromiyaa hunda keessatti gaggeeffamaa jira. Konfiraansiin dargaggoota 14ffaan kun sadarkaa gandaatti geggeeffamuu kun hanga sadarkaa naannootti kan itti fufu yoo tahu, Konfaransii kanarrattis dargaggootni… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/konfiraansiin-dargaggootaa-gandoota-oromiyaa-hunda-keessatti-gaggeeffamaa-jira/
Show all...
👍 15 4
Photo unavailableShow in Telegram
Pireezidaanti Shimallis bakka buutoota Paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa keessa socho’an waliin mari’atan Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan bakka buutoota paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin dhimmoota waaqtawaa fi misoomaarratti mari’ataniiru. Itti gaafatamaa Waajjira Paartii baadhaadhina damee oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee miseensoonni paartiilee siyaasaa Oromoo hedduun maricharratti argamaniiru. Miseensoonni Paartiilee siyaasaa oromoo Kun jijjiiramaa asii xiyyeeffannoo mootummaan hojiiwwan misoomaaf… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/pireezidaanti-shimallis-bakka-buutoota-paartilee-siyaasaa-naannoo-oromiyaa-keessa-sochoan-waliin-mariatan/
Show all...
👍 8 1